Meeshaalee Huccuu Ittin Miiccan kan Tukaana Siree Ajjeesuuf Gargaaran

a row of silver washing machines

Huccuu kee miichachuu fi siree kee afachuun  karaa salphaa ittiin tukaana siree ajjeestu dha. Mala mataa keetti fayyadamuun tukaana siree to’achuun yookin yoo ogeessa  argatte immoo summuu inni siif kennutti fayyadamuun barbaachisaa dha.  Huccuu kee miicuun tukaana ni ajjeesa, garuu gutummatti tukaana siree kan barbadeessu huccuu kee ho’an yoo gorgsitu dha. Shaakallii xiqqoodhaan, huccuuwwan kee tukaana kana irraa walaba gochuu fi lammaffaa iddoon kanaan dura tukaanni siree itti riphan mancaasun akka deebi’anii wal hin horre taasisuu dandeessa.  

Adeemsota Ijoowwan Huccuu Miicun Tukaana Siree Ittiin Too’atan 

Adeemsa huccuu miicuun tukaana siree balleessuu keessatti sadarkaalee gurguddaa saditi jiru. Sadarkaaleen kunis:- Huccuu Filuu,Miicuu fi Gogsuu akkasumas Huccuu qulqullaa’e olkaa’uu 

Huccuu olkaa’uu

  • Naannoo ilbiisan faalaman keessa huccuu jiran adda baasuun boorsaa pilaastikii keessatti kuusuu. Ajajawwan adeemsa miicuu ilaali. Kun haala qillensa ittiin miicuu qabduu fi gogsitu sitti hima.
  • Huccuu qulqulluu fi gogaa  adda baasi kun immoo akka debi’ee hin jiinee fi akka sirriitti gogu taasisa.
  • Gara iddoo huccuu miicituutti utuu hin dhaqiin, boorsaa kee cufi, sababni isaa ilbiisotiin kun akka iddoo biraatti hin tamsane taasisa.

bed bugs on a sock

Huccuu miichuu fi gogsuu 

  • Boorsa jiran gara nama miicuutti dabarsi ( yookin huccuu miicamaa gara maashina huccuu gogsuutti). 
  • Yeroo booran duwwaa ta’u, tukaanni qarqara irratti akka hin hafne naannoo cufaa borsaa qabuun ulgufuu.
  • Hatattamaan borsaa duwwaa ta’e boorsaa kan biraa qulqulluu ta’etti dabarsuun gatuu keen dura  itti cufi.
  • Sadarkaa hoo’ina maashiniin siif heeyyamuun huccuu miiciitii gogsi.
  • Huccuu qooranii fi iddoo gogaa kaawwamuu qabaniif, maashina gogosituu keessa hanga daqiiqaa 20 tursiisi. Sana booda huccuu gogaa ogeessa dachaasee olkaa’u bira geessi. Gogsuun tukaana ajjeesuu danada’a garuu huccuu qulqulleessu dhiisuu mala
  • Utuu hucuu hin qulqulleessin tukaana qofa ajjeesuu yoo barbaadde maashina gogsu keessa daqiiqaa 30 tursiisi sana booda ilbiisotni hundi ni dhumu.

Huccuu qulqulleefaman olkaa’uu 

Trash bag to hold infested clothing in.

  • Akkuma huucuun maashina gogsu keesa ba’aniin dachaasi. Yoo huccuu kee mana laawundariitti yookin mana waliin jireenyaa keessatti miicisiifte hatatamaan boorsaa pilaastikii keessa dachaasii kaa’i. Minjaala irratti huccuu kee dachaasuu jalqabuun dura minjaalii sun ilbiisarraa bilisa ta’uu isaa mirkaneeffadhu. 
  • Hanga mana jireenyaa kee geessutti huccuu kee boorsuma keessa tursiisi.  
    • Mana kee keessatti tukaana siree balleesite yoo ta’e, boorsaa huccuu itti kuuftu ala baasi tursiisi
    • Ammas tukaanni ni jiru yoo ta’e, huccuu tukaana qaban gargar baasuun kaa’I. Kun huuccuu qulqulluun akka hin faalamne taasisa. 

Contact Us

For more information contact the bed bug InformationLine:
bedbugs@umn.edu

Now Available in over 100 Languages!


What NOT to do button