Tukaanni siree akka mana keenya hin seennu akkamitti too’achuu dandeenya
View this page in another language
English | Español (Spanish) | አማርኛ (Amharic) | العربية (Arabic) | 简体中文 (Chinese) | Français (French) | Hmoob (Hmong) | Oromo | Русский (Russian) | Somali | Tiếng Việt (Vietnamese)
Tukaanni siree mana kee kan seenan karaa huccuu, teessoo, siree akkasumas shiboo fi ujummoolee keessa adeemudhaan yoo ta’u, akkasumas kophee fi boorsaa kee fi kan hiriyoota keetti maxxanuudhaan seenuu dandeessi.
Tukaanni mana kee akka hin seenne gochuudhaaf:
Teessoo, boraatii, firaashii fi siree karaarra jiran mana keetti akka hin galchine.
- Teessoowwan kireeffattan yookin namni sanaan dura itti fayyadame fudhachuun dura akka tukaana hin qabne mirkaneeffadhu. Teessoo naannoo imaammata to’annaa tukaanaatii dhufan duwwaatti fayyadami. Mada duree “Tukaana siree argeeraa/Have I found a bed bug” jedhu jalatti odeffannoo tukaana siree adda baafadhu.
- Boorsaa dugdaa, borsaa kiisii, huccuu fi kkf siree irraa ciistu irra hin kaa’in.
Yeroo imaaltu siree hootelaa keerra tukaanni jiraachuu isaa mirkaneeffadhu. Teessoo, iddoo boorsaa kaawwatan sakata’I. Yeroo achii baatee deemtus boorsaa kee siree irraa fageessuun ilaali. Odeeffannoo dabalataaf “Kutaa ciisichaa hoteela kee akka inni tukaana hin qabne sakatta’i/ Inspecting your Hotel Room for Bed Bugs” kan jedhu ilaali.
- Manneen jireenyaatiif, dhohaa manaatiif, buusaa ijaarsa manaattii fi shiboo adda addaatiif tooftaan armaan olii kun tukaana siree ittisuudhaaf nu gargaara.
- Yoo tukaana tuqte dafiitii huccuu fi harka kee bishaan hoo’adhaan dhiqadhu,yookin huuccuu kee boorsaa pilaastikii keessatti naqi. Kophee, boorsaawwanii fi meeshaalee kan biroo maashina gogsu keessatti daqiiqaa 30 haala qilleensa ho’aa keessa akka tukaana ajjeessuutti tursiisi. Ogeeffannoo dabalataatiif mata duree kana ilaali “Laundering Items to Kill Bed Bugs.”