Tukaana Siree Yeroo Arginu Wantoota Gochuu HIN Qabaanne
View this page in another language
English | Español (Spanish) | አማርኛ (Amharic) | العربية (Arabic) | 简体中文 (Chinese) | Français (French) | Hmoob (Hmong) | Oromo | Русский (Russian) | Somali | Tiếng Việt (Vietnamese)
- Hin Sodaatin. Ilbiisota siree suuta jettee sakata’uudhaan sana booda tooftaa to’annaa barbaachisaa ta’aniin dhabamsiisuu ni dandeessa.
- Ilbiisota siree qoricha aramaa yookin qonnaatti gargaaramuudhaan ajjeessuuf hin yaalin. Summii alaa mana keessatti ilbiisota baleessuuf gargaaramuun miidhaa matii kee fi siratti fiduu danda’a.
- Oomisha manatti hojjetaman yookin warshaa keessatti tolfamantti hin fayyadaminaa. Oomishni manatti hojjetaman balaa kan fidaniifii rakkoo jiru ittumaa kan caalchisan ta’uu danda’u.
- Oomishaalee beeksisni isaanii Ingiliffaan ala ta’anitti hin fayyadamin.
- Farra ilbiisotaa kalattiidhaan qaama keetti hin dibatin. Kun qaama kee madeessuu mala.
- Gaazii, keerosiini fi alkoolitti hin gargaaramin. Abidda uumuu mala.
- Teessoo kee baastee hin darbatin. Teessoo fi siren tukanarraa haxaa’uun ni danda’ama. Darbattee gatuun kee tukaanni akka babal’atu taasisa akkasumas baasiidhaaf si saaxila.
- Meeshaalee siree jalatti hin kuusin. Meeshaa siree jalatti kuusuun iddoo tukaanni dhokatu baay’isuu dha. Kun immo tukaana mancaasuuf rakkisaa ta’a
- Meeshaalee kutaa tokko gara isa kan biraatti hin sochoosin. Meeshaa tukaana qaban kutaa tokkoo gara kan biraatti geessuun tukaanni akka mana keessa tamsa’u taasisa.
- Meeshaalee feestaalii gurraachan guduunfun aduu keessa hin kaa’iin. Sana gochuun tukaana guutumaan guututti hin ajjeesu.
Yoo tukaanni ni jira jettee yaadde wantoota gochuu qabdu:
- Waa’ee tukaanaa hubachuuf toora interneetii www.bedbugs.umn.edu/have-i-found-a-bed-bug jedhu jaltti ilaali.
- Ogeessa To’ataa Ilbiisotaa yookin abba lafaa barbaadi.
- Naannoo faalaman hubachuuf toora interneetii armaan gadii ilaali. www.bedbugs.umn.edu/bed-bug-control-in-residences